Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin Koroonaa biyyoota Afrikaa 26 keessatti muul’ate

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Vaayrasiin Koroonaa biyyoota Afrikaa 26 keessatti muul’achuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.
 
Torbee lama keessaatti Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa walakkaa waliin ga’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
 
Akka dhaabbatichi ifoomseetti Ardii Afrikaa biyyoota 26 keessatti namoonni 273 dhibee kanaan qabamaniiru.
 
Iyvoorii Koost guyyaa har’aa namni 3 qabamuu beeksiftee jirti.
 
Dhibeen kun hedduminaan Xaaliyaanirraan gara Afrikaatti babal’ate jdhame.
 
Waliigala guutuu addunyaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 56 fi 400 qabamaniiru.
 
Namoonni kumni 5 fi 833 du’aniiru.
 
Namoonni kumni 73 fi 968 ammoo dhibicharraa fayyaniiru jedhame.
 
Maddi:- Al Jazeera,CGTN Africa fi WHO
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.